Get Mystery Box with random crypto!

ETV Afaan Oromoo

Telgraf kanalının logosu etvafaanoromoo — ETV Afaan Oromoo E
Telgraf kanalının logosu etvafaanoromoo — ETV Afaan Oromoo
Kanal adresi: @etvafaanoromoo
Kategoriler: Kategorize edilmemiş
Dilim: Türk
aboneler: 2.18K
Kanaldan açıklama

Odeeffannoowwan biyya keessaafi alaa Televizhinii Itoophiyaa irraa Afaan Oromootiin.

Ratings & Reviews

4.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


En son Mesajlar

2023-04-21 13:58:43
Oduu Aagaa jaalattoota kitaabaaf:
Kitaabolee biyya keessaa garaa garaa karaa diijitaal (PDF'n) barreessitoota faana walii galteen karaa seera qabeessa ta'een isinii dhiyeessaa jirra.
Website keenya kana irraa bitadhaa:
https://ethiobookreview.com/afanoromo
Telegram: https://t.me/etbookreview
Bilbila: 0912 778324
453 views10:58
Aç / Yorum Yap
2023-03-17 16:44:30 #GetaachooRadda #AntooniBilinkan

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets daawwannaa hojii Finfinneetti taasisaniin hoggantoota wayyaanee keessaa tokko kan ta’e Geetachoo Raddaa waliin marii taasisaniiru.

Obbo Geetaachoo Raddaa Finfinneetti Biliinkan waliin wal arguun adeemsa raawwii waliigaltee nagaa fi gufuuwwan jiran irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Obbo Geetaachoon, Marii kana irratti #nagaaf kutannoo hin raafamnee fi qormaata humnoonni nagaa diiguuf hojjetan kan uumaman furuuf kutannoo hin raafamne qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.

"Hundeeffama Bulchiinsa yeroo  dabalatee gidiraa ummata keenyaa salphisuuf tattaaffii hunda keessatti rakkoolee gufuu ta'an hiikuuf ga'ee keenya ba'uuf qophiidha" jedhan.

Kana malees, Obbo Geetaachoo Raddaa haasawa Biliinken waliin taasisaniin, barbaachisummaa yakka Tigraay keessatti raawwatamaani fi lola Tigraay irratti gaggeeffamee irratti yakkoota raawwatamanif itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu isaa yaada isaanii keessatti akeekaniiru.

Obbo Geetaachoo, Bu’uurri ce’umsaa haqaa cimaan fudhatama kan qabuu fi kan galateeffamu ta’us yakkoota Tigraay keessatti raawwatamaniif itti gaafatamummaan bu’uura biyyaalessaa ol waan ta’eef tattaaffiin idil-addunyaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Antoonii Bilinken gama isaatiin; Geetachoo Raddaan fuula marsariitii hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti, biyyi isaanii Ameerikaan gargaarsa namoomaa cimsuu, qabeenya deebisanii dhaabuuf oolu walitti qabuu, akkasumas qooda fudhattoota waliigaltee kanaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa fi guutummaa naannichaa nagaa fi tasgabbii buusuuf kutannoo akka qabdu ibseera.

@etvafaanoromoo
1.2K viewsedited  13:44
Aç / Yorum Yap
2023-03-16 16:29:32
#Finfinnee

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen waliin jireenyaa kuma 100 ijaarsisuuf sanada waliigaltee mallatteesse.

Gaaffii manneen waliin jireenyaa hawaasaa deebisuuf jiaarsa manneen jireenyaa mootummaafi dhaabbilee deeggartootaan gaggeessuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Ijaarsi manneen kunneenii marsaa jalqabaatiin lafa hektaara 350rratti kan adeemsifamu ta’uun ibsameera.

Sirna waliigaltee kanarratti kantiibaa magaalichaa Aadde Adaanach Abeebee dabalatee bakka buutonni dhaabbilee misoomaa biyya keessaafi alaa 68 argamuu isaa gabaafameera. #FBC

@etvafaanoromoo
969 views13:29
Aç / Yorum Yap
2023-03-07 20:22:24
Harka fuune jaalattoota kitaabaa maraaf:

Kitaabota Afaan Oromoo babbareedoo PDF'n bakkuma jirtanitti website www.ethiobookreview.com irraa bitattanii akka dubbistan barreessitoonni isin jaalattan kabajaan isin affeeru.

Website: https://ethiobookreview.com
Faceboook: https://fb.com/etbookreview

Gaaffii fi yaada kamiifuu 0912778324 irratti bilbilaa.
Dubbisa gaarii!
1.1K viewsedited  17:22
Aç / Yorum Yap
2023-03-01 14:55:49 Abbootiin qabeenyaa lammiilee hongeen Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoof saaxilamaniif birmachaa jiru.

Hawaasa ofii waliin hojjechuun duroomu, hawaasa ofii keessattis duroomu, hawaasa ofii tajaajiluufis duroomu.
Dureessonni rakkoo uummata isaaniif birmachuunis fudhatamummaafi dhimmamuu isaanii
mul'isa.

Haaluma kanaan:
1. NOC Ethiopia- qarshii Miliyoona 10
2. MIDROC Group- qarshii miliyoona 30
3. Geetuu Geletee- qarshii miliyoona 5
4. Obbo Seid (Africa Water)-qarshii miliyoona
5
5. Baankii Awaash - qarshii miiliyoona 20

6. Baankii Daashiin- qarshii miiliyoona 10

7. Obbo Abdulhakim - qarshii miiliyoona 10
8. Ali Alfoz- qarshii miiliyoona 5
9. Alemayehu Ketema-qarshii miiliyoona 5

10. Obbo Bulbula- qarshii miiliyoona 1
11. Obbo Hiikoo- qarshii miiliyoona 1
12. Obbo Hunde(JAMBO STAR Trading PLC)- qarshii miliyoona 1
13. Abdulsemed Takele- qarshii miliyoona 2
-
14. Tracon - qarshii miliyoona 5
15. Obbo Mathias - qarshii miiliyoona 4
16. Obbo Haji Bati- qarshii miiliyoona 1

17. Obbo Diriba Defersha- qarshii miliyoona 2
18. Obbo Akalu- qarshii miliyoona 1
19. Sabir Argaw(ALSAM PLC)- qarshii miliyoona 2
20. Nasir Jemal(AMDEHUN General Trading PLC)- qarshii miliyoona 2
21. Belayneh Kinde (BKG Trading )- qarshii miiliyoona 6.6 Million
22. Obbo Tsegaye Sori- qarshii miiliyoona 1
23. Obbo Chombe Seyoum Gemechu - qarshii miiliyoona 1
24. Buzayehu Tadele foundation- qarshii miiliyoona 3

Walii galaa qarshii miliyoona 133.6 arjoomaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kaaniifi ummanni bal'aan ummata sababa hanqina roobaaf hongeef saaxilame cina dhaabachuun dirqama lammummaa keenyaa haa bahannu!

Maddi:-komunikeeshinii Biiroo Oromiyaa

@etvafaanoromoo
1.3K viewsedited  11:55
Aç / Yorum Yap
2023-03-01 14:55:09
Barattoota qabxii olaanaa galmeessisan 273f Iskoolaarshiippiin kennamuu MM Abiyyi Ahmad ibsan

Barattoota qabxii olaanaa galmeessusan 273 Emereetota Arabaa Gamtoomaniitti carraan barnootaa Iskoolaarshiippii guutuu kennamuu Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ibsaniiru.

Barattootaafi manneen barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaatiin qabxii olaanaa galmeessisan badhaasan.

@etvafaanoromoo
809 views11:55
Aç / Yorum Yap
2023-02-24 14:59:40 #Booranaa

Hawaasa seenaa #Booraanaa keessatti gogiinsa hamaan miidhame gargaaruu kanneen barbaaddan karaa " #ALCHIISOO_PASTORALIST_UP " tiin gargaaruu dandeessu.

Herrega Baankii dhaabbata miti-mootummaa kanaa:

Baankii Daldalaa Itoophiyaa - 1000522499823 (Swift Code: CBETETAA)

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa - 1011800084313 (Swift code: CBO RETAA)

Baankii Awaash - 013081084782900
(Koodii swiiftii: AWINETAA)

Baankii Oromiyaa - 1548414100001
(Koodii swiiftii: ORIRETAA)

Booranatti Rakkoo jiru lakkoofsan yoo ibsamu:-

- Godina Booranaatti namoonni #kuma_807 gargaarsa barbaadu. Kanneen keessaa namoonni 167,000 deeggarsa hatattamaa fi itti fufiinsa qabu barbaadu.

- Loon Godinicha keessa jiru keessaa %10 baraaruuf marga hidhaa miiliyoona 4.4tu barbaachisa.

- Sababa gogiinsa kanaan beeyladootni miliyoona 3 ol Godinicha keessatti kan du’an yoo ta’u, isaan keessaa %85 loon ta’uu ibsameera.

- Loon kuma 230 Godinichaa keessatti hafaniiru, ji’oota 3'f Loon kanneen tursiisuuf yoo xiqqaate marga hidhaa miliyoona 4.4 dhiyeessuun barbaachisaadha. Kana malees nyaata horii kuma 135 kan barbaachisu yoo ta’u, Godinicha keessatti haga amma dhibbantaa tokko qofatu dhiyaate.

- Gogiinsi kun aanaalee Godinicha 13 kan miidhee yoo ta'u, Uummata Godinichaa keessa jiran keessaa gara dhibbeentaa 60 deeggarsa ni barbaadu.

@etvafaanoromoo
1.1K viewsedited  11:59
Aç / Yorum Yap
2023-02-23 09:01:13
Qur'aanni kuma 500 walitti qabamuuf deema.

"Baankiin Qur'aanaa Nuur" Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoota Islaamaa Finfinnee waliin ta'uun Qur'aana walakkaa miliyoona (500,000) walitti qabuuf qophii taasiseera.

Sooma Ramadaanaa dhufu kana irratti Qur’aanni kuma 500 walitti qabuuf qophiin taasifamaa kan ture yoo ta’u, Qur’aanni kunis namoota biyya keessaa fi biyya alaa irraa walitti qabama.

Dhimma kana ilaalchisee Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan "Biyya keenya keessatti fedhiin Qur'aana ummata muslimaa olaanaa ta'us hanqinni Qur'aana jira" kan jedhan yoo ta'u, Baankiin Qur'aana Nuur hanqinna kana guutuuf socho'aa jira jedhaniiru.

Sheek Sulxaan; Hojiin Qur'aana sassaabuu hawaasa muslimaatiif bu'aa guddaa waan qabuuf yeroo manni marichaa waliin hojjechuuf gaafataman gammachuudhaan fudhatanii waliin hojjachuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.

Sheek Sulxaan kaayyoo Qur’aana kuma 500 walitti qabuu galmaan ga’uuf hawaasaf waamicha godhaniiru.

@etvafaanoromoo
792 viewsedited  06:01
Aç / Yorum Yap
2023-02-22 20:12:04 Oduu durii kana nuu affeeramaa

Amicha tokkotu ture. Namichi kun ka'ee haadha manaa fuudhe. Haati manaa isaa erga itti heerumtee booddee, kaatee mucaa godhatte. Amma erga mucaa godhattee booddee, gaafa mucaan dhaqee daa'imuuf ka'u abbaa manaa ishii waan jibbiteef kaatee gaafa waan malattu dhabdu dhabdu mucaa mucaa ishii fuutee baadhattee hurursuutti kaate

https://www.afoola.com/oduu-durii/abbaa-manaa-gowwaa
674 views17:12
Aç / Yorum Yap
2023-02-22 17:12:12
Harka fuune maatiiwwan keenya

Jaalattoota kitaabaa yoo taatan marsariitii keenya daawachuu fi maatii fuula hawaasaa keenya akka taatan isin affeerra.

Website: https://ethiobookreview.com
Facebook: https://facebook.com/etbookreview
629 views14:12
Aç / Yorum Yap